Itiyoophiyaan Walta’iinsa Yaa’a Laga Naayil dhugoomsuuf adda durummaa ishee cimsitee kan itti fuftu ibsite
Finfinnee, Guraandhala 14, 2016(FBC)- Itiyoophiyaan Walta’iinsa Yaa’a Laga Naayil dhugoomsuuf adda durummaa ishee cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaan ibsan.
Guyyaan Naayil 25ffaan Burundii Bujumburaatti gaggeeffamaa jira.
Injiinar Habtaamuu Ittaafaan waltajjicharratti haasawaa taasisaniin imallii waggoota 25 inisheetiiviin yaa’aa laga naayil wayita qoratamuu bu’aa gaarii argamsisuu kaasaniiru.
Hanga ammaatti meeshaa ce’umsaa qofa ta’ee kan tajaajilaa jiru inisheetiivichi, hammattoo seeraa fi dhaabbatummaa argachuun dhimma yeroo gaafatu miti jedhan.
Hirmaannaa fi gumaachi biyyoota miseensa Yaa’aa Laga Naayil dhaabbataa fi walfakkataa akka ta’u akkasumas, jijijjiiramuu mootummootaan dhiibbaa jala akka hingalleef dhaabbata cimaa uumuuf kan tumsuudha jedhan.
Waggaa 25ffaan kabajamuun biyyoonni miseensa Yaa’a Laga Naayil waliigaltee hammattoo walta’iinsa raggaasisuun fuulduratti tarkaanfachuuf yeroo murteessaa ta’uu akeekaniiru.
Itiyoophiyaanis Walta’iinsa Yaa’a Laga Naayil dhugoomsuuf adda durummaa ishee cimsitee kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.
Walta’iinsa misoomaa ilaalchisee, fedhiin misoomuu olaanaan ummatootaa biyyoota miseensaa Yaa’aa Laga Naayil biratti kan mul’atu ta’us, ajandaa misoomaa inisheetiivii Yaa’a Laga Naayil mirkanaa’uu akka hindandeenye kaasaniiru
Gama kanaan dandeettii ofii fayyadamuun qabeenya walitti qabuun pirojektoota invastimantii qophaa’an hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu dubbachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.