Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan waliigalteewwan jijjiirama qabeenya qilleensaa hojiirra oolchuuf waadaa galte biyya qabatamaan raawwatteedha – DhMG

Finfinnee, Sadaasa 5, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaan waliigalteewwan jijjiirama qabeenya qilleensaa hojiirra oolchuuf waadaa galte biyya qabatamaan raawwatte ta’uu Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ibse.

Dubaay hanga Baakuutti hojii Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaarratti waggaa tokko keessa hojjette ilaalchisee mariin gaggeeffameera.

Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaa, Anniisaa Haaromuu fi wabii nyaataan of danda’uuf hojiilee hedduu hojjechuu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan ibsaniiru.

Itiyoophiyaan waliigaltee jijjiirama qabeenya qilleensaa Yaa’ii COP28 irratti waadaa galame raawwachuu kaasaniiru.

Dhaabbileen deeggartoota misoomaa gama isaaniin, Itiyoophiyaan Naannawaa Bosonaan uwwisuu, filannoo humnaa guutummaatti anniisaa haaromuun bakka buusuuf karoora ishee dursitee eegaluu kaasaniiru.

Keessattuu hojiin damee ashaaraa magariisaan hojjette addunyaa biroof fakkeenya ta’uu eeraniiru.

Hojiilee biyyattiin raawwachaa jirtu ni deeggarra jechuu isaanii ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.