Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Waancaa Addunyaaf utuu hindarbiin hafte

Finfinnee, Amajjii 12, 2016 (FBC)- Tapha Gulaallii xumuraa waancaa Addunyaa dubartoota umrii 20 gadiin Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Dubartootaa Itiyoophitaa gita isa Morokoo 1 fi 0’n injifateera.

Tapha deebii har’aa Istaadiyamii Abbabaa Biqilaarratti gaggeeffameen Gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Itiyoophiyaa umrii 20 gadii 1 fi 0’n injifatus, qabxii waliigalaan 2 fi 1’n Waancaa Addunyaa 2024 Kolombiyaan qopheessituuf utuu hindarbiin hafaniiru.

Garee Biyyaalessaa Itiyoophiyaa tibba darbee dirree isaan alatti tapha gulaallii jalqabaa garee Morokoo waliin tapha gaggeesseen 2 fi 0’n injifatamuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.