Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan ‘UNICEF’ fi ‘UNFPA’waliin waliigaltee deeggarsaa Doolaara miiliyoona 86.18 mallatteessite

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan Dhaabbata Deeggarsa Daa’immanii Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) fi Eejensii Fandii Ummataa Mootummoota gamtoomanii (UNFPA) waliin waliigaltee deeggarsaa Doolaara miiliyoona 86.18 mallatteessitetti.

Waliigaltichis Ejensiiwwan kunneen sagantaalee bara 2017 Itiyoophiyatti hojiirra oolchaaniif kan oolu ta’uun ibsameera.

Waliigaltee mallatteeffame keessaa Doolaarri miiliyoonni 70 pirojektii bishaan dhugaatii, sirna nyaataa, barnoota, fayyaa, qulqullina, eegumsa daa’immanii fi koorniyaa Dhaabbata Deeggarsa Daa’immanii Mootummoota Gamtoomaniin kan hojiirra oolu ta’uun ibsameera.

Kana malees Doolaarri miiliyoonni 16.1 Pirojektii karoora maatii, fayyaa haadholii, misooma dargaggootaa fi maanguddootaa, walqixxummaa koorniyaa fi dubartootaa ga’oomsuu Eejensii Fandii Ummataa Mootummoota Gamtoomaniin kan hojiirra oolu ta’uun ibsameera.

Waliigaltichi Ministir Deetaa Ministeera Maallaqaa Samaarittaa Sawaasawuu, Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aa Ittaanaa UNICEF Marikoo Kaagooshiima fi Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aa Ittaanaa UNFPA Tayiwoo Oluyoomii mallatteessuu ragaan Ministeeraa Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.