Itiyoophiyaan tumsi Baankii Misoomaa Afrikaa waliin qabdu bu’aa qabeessaa ta’uun itti fufeera-MM Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Guraandhala 29, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan tumsi Baankii Misoomaa Afrikaa waliin qabdu bu’aa qabeessaa ta’uun itti fufuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Baankiin Misoomaa Afrikaa pirojektiiwwan Itiyoophiyaatti gaggeessu ilaalchisee Baankichatti Daayrektara Ittaanaa Dhiyeessii Misoomaa fi Bizinasii Naannawaa Baha Afrikaa Dooktar Abdul Kaamaaraa waliin mari’achuu ibsaniiru.
Dabalataan “Obboleessi koo Dooktar Akinwumi Adeesinaa Badhaasaa Hoggansaa ‘Obafemi Awolowo’ argachuutti carraa kanaan bagaa gammaddan” jechuun ergaa dabarsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.