Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan tumsa Ispeen waliin qabdu sadarkaa tarsiimootti guddisuuf fedhii qabdi – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Mudde 9, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan tumsa Ispeen waliin qabdu sadarkaa tarsiimootti guddisuuf fedhii qabaachuu Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin ibsan.

Obbo Dammaqaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ispeen yeroo hojii isaanii xumuran Ambaasaaddar Maanu’eel Saalaazar gaggeessaniiru.

Wayita Itiyoophiyaan rakkoo keessa turte tumsa Ispeen taasiifteef Obbo Dammaqaan galateeffataniiru.

Itiyoophiyaan tumsa seena qabeessaa fi bara dheeraa Ispeen waliin qabdu gara sadarkaa tarsiimoowaatti guddisuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Hariiroon hunda galeessa Ispeenii fi Itiyoophiyaa yeroo dhiyoo as dabalaa dhufee Ambaasaaddar Maanu’eel Saalaazar ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.