Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan tapha Waancaa Afrikaa 2029 qopheessuuf gaafachuu Dooktar Abiy Ahimad ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan tapha Waancaa Afrikaa 2029 qopheessuuf gaaffii dhiyeessuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Gaaffiin Itiyoophiyaa fudhatama akka argatuuf taphattoonni Kubbaa Miilaa duraanii Naayijeeriyaa Daani’eel Amookaachii fi Niwankuu Kaanuun Ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun filamanii tattaaffiiwwan eegalamuu kaasaniiru.

Dorgommii sadarkaa Ardii gara Itiyoophiyaa fiduuf Pireezidaantii Kaafaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mariiin gaggeeffamuu ibsaniiru.

Tibbanas Taphattoonni duraanii gara Itiyoophiyaa dhufuun sababa tokko ta’uu eeranii damee kubbaa miilaanis dargaggootaa kakasuuf akka ta’e hubachiisaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.