Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan sosochii Gamtaa Afrikaaf deeggarsa barbaachisu taasiisuuf murannoo cimaa qabaachuu ibsite

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaan sosochii Gamtaa Afrikaaf deeggarsa barbaachisu taasiisuuf murannoo cimaa qabaachuu Ambaasaaddar Hiruut Zammanaan ibsan.

Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Komishinii Diinagdee Afrikaatti ergamaa addaa Itiyoophiyaa ta’uun kan mudaman Ambaasaaddar Hiruun Zammanaan xaalayaa muudama isaanii Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Mahaammatiif kennaniiru.

Hariiroo fi tumsa gamtichaa caalmaatti dhimmoota cimsanirrattis mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan sosochii Gamtaa Afrikaaf deeggarsa barbaachisu taasiisuuf murannoo cimaa qabaachuu Ambaasaaddar Hiruut Zammanaan kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.