Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii mana keessaa 20ffaan Afrikaarraa sadarkaa 1ffaa fi Addunyaarraa sadarkaa 3ffaan xumurte

Finfinnee, Bitootessa 14, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii mana keessaa Addunyaa 20ffaa Chaayinaa Naanjiingitti dorgomame Afrikaarraa sadarkaa 1ffaa fi Addunyaarraa sadarkaa 3ffaa bahuun xumurte.

Itiyoophiyaan meedaaliyaa Warqee 2 fi Meetii 3 waliigala meedaaliyaa 5 argachuun Addunyaarraa Ameerikaa fi Noorweeyitti aanuun sadarkaa 3ffaan xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Atileet Gudaaf Tsaggaayii, Fireewayinii Hayiluu, Dirribee Waltajjii, Nigisti Geetaachoo fi Barrihuun Aragaawwiin Atileetoota Itiyoophiyaaf meedaaliyaa argamsiisaniidha.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.