Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Afriikaa 23ffaa meedaaliyaa 10 argachuun xumurte
Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Afriikaa 23ffaa Kaameeruunitti gaggeeffaamaa ture meedaaliyaa 10 argachuun xumurte
Shaampiyoonaa atileetonni kumni 2f 500 biyyoota 27 irraa walitti babba’an irratti hirmaataana kana Itiyoophiyaan meedaaliyaa warqee 5, Meetii 4 fi Naasii 1 argachuun xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Iityoophiyaan Atileetoota 36n akaakuuwwan Atileetiksii 19n hirmaachaa turuun kan yaadatamuudha.
#Oromia #Ethiopia