Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Sagantaa Ashaaraa magariisaan dinqisiifannaa argatte

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) –Jilli Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu fooramii Bosonaa “Oslo Tropical” jedhamu Noorweeyitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jira.

fooramichaan hojiileen Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaan hojjechaa jirtu dinqisiifannaa argachuun ibsameera.

Jillichi fooramiichaan cinaatti mariiwwan gamlamee dhaabbilee garaagaraa waliin mari’ateera.

Haaluma kanaan Dooktar Girmaa Amanteen Ministiroota Eegumsa naannoo fi jijjiirama qilleensaa , Ministira Dhimma Alaa, Daayrektara Eejensii Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa , Daayrektara Inisheetiivii Bosonaa fi jijjiirama haala Qilleessaa Idil Addunyaa Noorweey waliin marii bu’a qabeessa taasisuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.