Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan sadarkaa ce’umsa dijitaalummaa fooyyessite

Finfinnee, Fulbaana 8, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaan akkaataa safartoo ce’umsa dijitaalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin sadarkaa ishee fooyyessuu ibsameera.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Walga’ii Diijitaalummaa Idil Addunyaa kaleessa Ameerikaa Magaalaa Niiw Yoorkitti gaggeesseen Itiyoophiyaan Sadarkaa Mootummaa Diijitaalaa fooyyeessuu ibseera.

Akkaataa gabaasa Mootummaa Diijitaalaa Idil Anunyaan Itiyoophiyaan sadarkaa dura irra turteerraa sadarkaa 10 fooyyeessuun sadarkaa 169ffaa irra taa’uu eerameera.

Akkaataa gabaasichaan biyyoota miseensa dhaabbatichaa keessaa Deenmaark, Istooniyaa fi Siingaapoor sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa qabataniiru.

Somaaliyaa, Sudaan Kubbaa fi Riippaablikni Giddualeessa Afrikaa biyyoota 193 keessaa sadarkaa dhumaarratti argamu.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.