Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan rakkoon Afrikaa, Afrikaan akka furamu ejjennoo qabdu qabatamaan agarsisaa jirti – Pir. Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Sadaasa 16, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaan rakkoon Afrikaa, Afrikaan akka furamu ejjennoo qabdu qabatamaan agarsiisaa jiraachuu Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan.

Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa rakkoon Afrikaa, Afrikaan akka furamu, ejjennoo qabdu gochaan kan agarsiise ta’uu eeraniiru.

Konfiraansiin Nageenyaa Ardii Afrikaa mata duree ‘Afrikaa Badhaatee fi nagaa taate haa ijaarru’ jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii Afrikaa mirkaneessuuf haala mijataa uumaa jiraachuu kaasaniiru.

Dabalataan fooyyessa Imaammata Diinagdee Gooroo guutuu ta’e taasisuun naannawichatti Daldallii fi Invastimantiin akka babal’atu shoora olaanaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan akkaataa waliigalteen loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuun gara hawaasaatti akka makaman hojjechaa jiraachuun murannoo nageenya fi tasgabbii naannawichaaf qadu kan agarsiisu ta’uu Ministirri ministeera Nageenyaa Binnaalfi Andu’aaleem ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.