Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan qormaatilee keessatti guddina ajaa’ibaan olka’aa jirti- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Mudde 26, 2017 (FMC) –Itiyoophiyaan qormaatilee keessatti dameewwan garagaraatiin guddina ajaa’ibaan olka’aa jirti jedhan Ministirri Mummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad .

Dooktar Abiy Ahimad qaama Piroojektii Maaddiin Biyyaaf kan ta’ee pirojeektii shabalee Naannoo Somaaleetti lafa heektaraa 380rratti ijaaramaa jiru daawwataniiru.

Pirojeektiin Shabalee fuulduraatti babal’achuuf humna olaanaa qabaachuu ibsuun, ‘wayita kutaalee biyyaa keenyaa daawwannu carraa fi Abdii lakkaa’amu hin dandeenye waliin wal argina kanaaniis Itiyoophiyaan jijjiramaa jirti’ jedhan.

Itiyoophiyaan qormaatiilee keessatti dameewwan garagaraatiin guddina ajaa’ibaan olka’aa jirtis jedhan.

guddinni waloo misooma waaraa fi badhaadhinaaf bu’uura kan ta’e nageenya eegsisuurratti kan hundaa’ee ta’uu ibsaniiru.

Carraa dhaloota dhufuuf nageenya keenyaa haa eeggannu jechuu isaanii ragaan Waajjira Ministira Muummeerra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.