Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan nageenyaa fi guddina naannawichaaf Ruwaandaa waliin tumsaan hojjechuu itti fufti–Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Amajjii 22, 2017 (FMC) –Itiyoophiyaan nageenyaa fi guddina naannawichaaf Ruwaandaa waliin tumsaan hojjechuu kan itti fuftu ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa fi Sadarkaa Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah ibsan.

Obbo Adam Faaraah Yaa’ii Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa irratti hirmaachuuf Finfinneetti kan argaman Barreessaa Olaanaa Paartii “Rwanda Patriotic Front” Welars Gaasamaageeraan waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Paartiin Badhaadhinaa misoomaa fi nageenyaaf xiyyeeffannaa kennuun hojjechaa jiraachuu kan eeran Obbo Adam, yaa’ii jalqabaan waadaa ummataaf galee qabatamaan argisiiseera jedhan.

Itiyoophiyaan guddina diinagdee saffisaa galmeessaa akka jirtu eeranii, oomisha fi omishtummaa guddisuuf kallattii yaa’ii jalqabaarratti kaa’een qamadii, kuduraa fi muduraa, ruuzii fi omishaalee biroorratti guddinni galmaa’u kaasan.

Misooma kooridarii Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin Magalaa Finfinneetti eegalame yeroo ammaa magaalota 50 olitti hojiirra oolfamaa akka jiruu fi misoomni kooriidarii baadiyyaas eegaluu eeraniiru.

Mootummaan dameewwan qonnaa, tuuriizimii, indaastirii, albuudaa fi dijitaalaaf xiyyeeffannaa addaa kennuun gaaffiilee misoomaa lammiilee deebisaa jiraachuu kaasaniiru.

Paartichi nageenyaa fi misoomaf dursa kennuun hojjechaa jiraachuu Obbo Adam kaasanii, Ruwaandaa waliin walta’iinsa paartii fi paartii, mootummaa fi mootummaarratti hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Itiyoophiyaa fi Ruwaandaan, nageenyaa fi badhaadhina gamlamee, naannawaa ardii irratti waloon hojjechuu cimee akka itti fufu dubbataniiru.

Weelaarsi Gaasaamaageeraa gama isaaniin, Itiyoophiyaan imala jijjiiramaa ajaa’ibsiisaarratti akka argamtu kaasaniiru.

Paartiin badhaadhinaa, hojiilee Itiyoophiyaa guddisanii fi fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hojjechuun milkaa’ina galmeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Biyyoonni lameen walta’iinsa damee hedduu paartii fi paartii akkasumaas mootummaa fi mootummaa cimsanii akka itti fufaan mirkaneessuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.