Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan nageenya Baha Afrikaa mirkaneessuuf qophiidha-F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan nageenya Baha Afrikaa mirkaneessuuf qophii ta’uu Itaamaajoorshuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan dubbatan.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan sadarkaa qophaa’ummaa Shaalaqaa Mootaraayizdii Eeggataa Afrikaa Bahaa daawwataniiru.

Shaalaqaa Mootaraayiziin bu’uura sadarkaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan guutee fi ergama kamiifuu qophii ta’uu mirkaneessuun akka danda’ame ibsaniiru.

Humna eeggataa Afrikaa Bahaaf Itiyoophiyaan qophii ta’uun nageenya naannawaa fi Ardii Afrikaaf fedhiirraa kan madde ta’uu himaniiru.

Biyyootaa Afrikaa Bahaa keessaa Itiyoophiyaanis qophii gahaarratti kan argamtu ta’uu mirkaneessuun akka danda’ame dubbataniiru.

Qophaa’ummaa Shaalaqaa Mootaraayizdiitti Qajeelchi Olaanaa Loojistiksii fi Poolisiin Federaalaa gahee olaanaa bahachaa turuu eeranii, kanneen milkaa’inichaaf gumaacha taasisan galateeffataniiru.

Guyyaa har’aas loltoota shaalaqoota mootaraayizii qophaa’ummaan isaanii mirkanaa’e, poolisii fi siviiliirraa kan baba’an ta’uun eeramuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.