Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan nageenya Afrikaaf Itti fufiinsaan hojjetti – Dooktar Sammaa Xirunaa

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan nageenya Afrikaaf Itti fufiinsaan hojjechaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Dandeettii fi Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Sammaa Xirunaan ibsan.
Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin durfamu fooramii paartilee siyaasaa Idil Addunyaa Raashiyaa Vilaadivostookitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaataa jira.
Itiyoophiyaan nageenya Afrikaaf haala Itti fufiinsaan qabuun hojjechaa jiraachuu Dooktar Sammaa Xirunaan fooramicharratti haasawa taasiisaniin.
Biyyoota Afrikaa rakkoon nageenyaa mudate hunda keessatti rakkicha furuuf Itiyoophiyaan qooda olaanaa bahachaa turuu fi ammas bahachaa jiraachuu himaniiru.
Mootummaan Raashiyaa waayita rakkoo hunda Itiyoophiyaaf tumsa taasiisaa tureef galateeffataniiru.
Biyyoonni miseensa BRICS nageenya isaaniif tumsaan akka hojjetan amantaa qabaachuu kaasaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa hiyyummaa fi duubatti hafummaa maksuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu dubbachuu TOI gabaaseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.