Itiyoophiyaan muuxannoo damee Miidiyaa fi Kominikeeshiniin qabdu qoodde
Finfinnee, Caamsaa 9, 2016 (FBC) –Yaa’iin Konveenishinii Miidiyaa Afrikaa 3ffaan Gaanaa Magaalaa Akraatti gaggeeffamaa ture xumuramuu Tajaajilli Koominikeshinii Mootummaa beeksise.
Yaa’iicharratti Itiyoophiyaa muuxannoo Damee Miidiyaa fi Kominkeeshiniin qabdu biyyoota biroof qooddeerti.
Ministir Deetaan Tajaajila Koominikeeshinii Mootummaa Salaamawit Kaasaan, Itiyoophiyaan Damee miidiyaa fi Koominikeeshiniiniin hammattoo seeraa fooyyessuun hojiilee garaagaraa xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu ibsaniiru.
Afrikaan seenaa ishee afaan ofiin seenessuu akka dandeessuuf afaanoota biyyaa keessaa teeknooloojjiin gabbisuu akka qabdu kan eeraniiru.
Itiyoophiyaan Afaan Amaraa dabalatee afaanoota biyya keessaa sagantaa Koompiyuutaraa waliinwal barsiisuu qabaachuu dubbataniiru.
Jalqabbiin kun biyyoota Afrikaa biroo keessatti babal’achuu akka qabuu fi maqaa gaarii Afrikaa sadarkaa addunyaatti beeksiisuuf gahee qabaachuu hubatamuu akka qabu kaasaniiru.