Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan miseensa guutuu Dhaabbata Ogummaa Idila Addunyaa taate

Finfinnee, Fulbaana 3, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaan waraqaa ragaa miseensa guutuu Dhaabbata Ogummaa Idil Addunyaa fudhatte.

Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Mufaariyaat Kaamiil, dhaabbanni Ogummaa Idil addunyaa waraqaa ragaa miseensummaa guutuu Itiyoophiyaaf kennuu dubbatan.

Itiyoophiyaan miseensa dhaabbatichaa guutuu ta’uun faayidaalee hedduu akka qabu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Biyyoota garaagaraa waliin walitti hidhamiinsa indaastirii uumuu fi misooma ogummaa irratti muuxannoo waljijjiiruuf kan tumsuudhas jedhan.

Muuxannoowwan siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa hedduu qooddachuun, damichaan hojiileen hojjetamaa jiran jijjiirama fooyya’aa akka fiduu fi beekumsa addunyaa qixa tarkaanfachuuf dirree bal’aa akka uumu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.