Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan lubbuun darbuu Pireezidaantii Ittaanaa Maalaawwiin gadda itti dhaga’ame ibsite

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan lubbuun darbuu Pireezidaantii Ittaanaa Maalaawwiin gadda itti dhaga’ame ibsite.

Pireezidaantii Ittaanaa Maalaawwiin Saawuloos Chiiliimaan dabalatee balaa xiyyaaraa biyyattiitti mudateem lubbuun namoota 9 darbuun kan yaadatamuudha.
Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen maatiiwwan namoota balichaan lubbuun isaanii darbeef, Mootummaa Maalaawwii fi ummaata biyyaattiif jajjaabina hawweera.

Yeroo gadda kanatti Mootummaan Itiyoophiyaa, Mootummaa Rippaabilikaa Maalaawii fi Ummataa biyyaatti cinaa kan dhaabbatu ta’uu Ministeerichi ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.