Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Koonfiraansii Idil Addunyaa Waggaa Interpool irratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Ebla 17, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan Koonfiraansii Idil Addunyaa waggaa Interpool Faransaay Magaalaa Liyoonitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti.

Poolisii Federaalaatti Itti Gaafatamaan Qajeelcha Walta’iinsa Poolisii Idil Addunyaa fi Interpool Komishinara Gargaaraa Dajanee Baqqalaan, koonfiraansichaan cinaatti Qindeessitoota Qajeelcha Pirojektii Babal’ina Tajaajilaa Idil Addunyaa waliinis mari’ataniiru.

Marichaan Pirojektichi Poolisii Federaalaaf deeggarsa taasiseef galateeffatanii, sadarkaa pirojektii babal’isa tajaajilaa Idil Addunyaa Buufataa Goggogaa Mojootti gaggeeffamaa jiruu fi odeeffannoowwan kuusaa daataa dhaabilee biroo fayyadamuurratti mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan dhaabbaticha waliin hariiroo qabdu daran cimsuu fi yakkoota daangaa ce’oo ittisuuf, qorannoo fooransikii fi haleellaa saayibarii cimsanii itti fufsiisuu, riifoormiiwwan Poolisiin Federaalaa gaggeessaa jiru, keessumaa itti fayyadama teeknoloojii fi ijaarsa dandeettii qabeenyaa humna namaa akkasumas, itti fayyadamaa kuusaa daataa dhaabbatichaarratti Interpool waliin walta’iinsaan haala hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Qajeelchi Pirojektii Babal’isa Tajaajila Interpool, Poolisii Federaalaaf deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneesseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.