Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Konfiraansiin hojiilee Dippiloomaasii bu’aa qabeessa hojjette – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Sadaasa 5, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaan kurmaana 1ffaa darbe keessaa Konfiraansiiwwanii fi Yaa’iwwan keessummeessiteen hojiilee Dippiloomaasii bu’aa qabeessa hojjechuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Getaachoon dhimmoota waqtaawaa, Naannawaa fi idil addunyaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Kurmaana 1ffaa darbe keessaa Konfiraansiin idil addunyaa 30 ol Finfinneetti gaggeeffamuu eeruun, kanaanis hojiin dippiloomaasii bu’aa qabeessi hojjetamuu Ambaasaaddar Nabiyaat himaniiru.

Konfiraasnii Addunyaa Beelarraa bilisaa dabalatee Yaa’iiwwan adda addaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffaman Tuurizimii fi Dippiloomaasii hawwachuun hojii jajjabeessi kan itti argame jedhan.

Konfiraansiin kunneen maqaa biyyaa ijaaruu, galii Tuurizimii guddisuu, muuxannoo kennuu fi fudhachuu akkasumas yeroo tokkotti iddoo tokkoo maallaqa argachuuf qooda olaanaa baheeteera jechuun eeraniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos fooramii tumsaa Raashiyaa – Afrikaa Magaalaa Sochitti gaggeeffame cinaatti marii waloo gaggeessaniin bu’aan faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisan hedduun argamuu himaniiru.

Gareen Shororkeessaa Al Shabaab iddoo kamiifii fi yeroo kamittuu sodaa nageenyaa akka hin taane taasisuurratti Itiyoophiyaan qooda olaanaa bahachuu hawaasni idil addunyaa kan ragaa bahu ta’uu himuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mu’isa.

Ammas garichi caalmaatti dadhabsiisuuf tarkaanfii fudhachuu kan itti fuftu ta’uu Ambaasaaddar Nabiyaat eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.