Itiyoophiyaan Kaateediraalli Noordaam Gootik tajaajilaa eegaluun hawwii gaarii qabdu ibsite
Finfinnee, Sadaasa 29, 2017 (FMC)- Waggoota shaniin dura balaa ibiddaan mudateen hojii suphaa gaggeeffamaa kan ture Mana Amantaa Kaatoolikii Umrii Dheeraa Lakkoofsisee Kaateediraalii Nootirdaam Gootik suphaan isaa xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’uun ibsame.
Tajaajilaaf banaa ta’uu hordofees Itiyoopiyaan mootummaa fi ummataa Faransaayiif ergaa baga gammaddanii fi hawwii gaarii qabdu dabarsiteetti.
Itiyoophiyaan ergaa dabarsiteen akka ibsiteetti Kaateediraalli Nootirdaam Gootik haareffamuun daran hawwataa ta’ee hojjetameera.
Kun ammoo Faransaay kutannoon hambaaf qabdu Itiyoophiyaan kan dinqisiifattu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Pireezidaantii Faransaay Emaanu’eel Maakroo, Pireezidaanti Ameerikaa haaraa filaman Doonaaldi Tiraampi, Pireezidaantii Yuukireen Vooloodmiir Zeleniskii, Abbaa Qabeenyaa Eloon Maaski dabalatee aanga’oonni olaanoo fi namoonni bebbeekamoon kuma 1 fi 500 ol bakka argamanitti Keeteediraallii Nootirdaam Gootik kaleessa tajaajilaaf banaa ta’eera.
Kaateediraalichi bara Faranjootaa 1991 eegalee Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtomaniitti (UNESCO) galmaa’uun ni yaadatama
#Oromia #Ethiopia