Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf misooma magariisaa irratti hojjechaa jirti-Obbo Ahmad Shidee

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan dhiibbaawwan garaagaraa keessa taatee jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf misooma magariisaa irratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahmad Shideen dubbatan.

Inishiyeetiiviin Gaanfa Afrikaa Yaa’ii COP28 cinaatti mariin naannawaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu uumuuf mari’ateera.

Marichis naannawaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu uumuuf tattaaffiiwwan taasifamaa jiran maallaqaan deeggaruu fi damee dhuunfaa waliin hojjechuun akkaataa danda’amurratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Dabalataan, naannawaa jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti tokkumaa naannawaa fiduu fi jijjiirama qabeenya qilleensaarratti mootummoonni ejjennoo waloo akka qabaatan kan taasisudha jedhan.

Waltajjichi, Itiyoophiyaa bakka bu’uun kan hirmaatan Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad, Itiyoophiyaan dhiibbaawwan garaagaraa keessa taatee jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf Ashaaraa Magariisaarratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Dhimmootni jijjiirama qabeenya qilleensaa dhimma waloo ta’uu kaasanii, jijjiirama qilleensaa ittisuufis tattaaffii taasifamuuf dameen dhuunfaa deeggarsa faayinaansii taasisuu akka qaban himaniiru.

Dhimmicharratti xiyyeeffachuun kan hojjetu Gareen Qindeessaa Misoomaa Arabaa Inisheetiivii Gaanfa Afrikaatti akka makaman waamicha dhiyeessaniiru.

Maricharratti, bakka bu’oonni IGAD, Gamtaa Awurooppaa, Baankii Addunyaa fi Baankii Misoomaa Afrikaa dabalatee Ministiroonni Maallaqaa biyyoonni Baha Afrikaa hirmaachuu ragaan Ministeeraa Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.