Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan ittisaa fi to’anno dhibeewwan daddarboo hintaanerratti bu’aa galmeessisteef beekkamtii argatte

Finfinnee, Fulbaana 16, 2017(FBC)- Itiyoophiyaan ittisaa fi to’anno dhibeewwan daddarboo hintaanerratti bu’aa galmeessisteef Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirra beekkamtii argatte.

Yaa’ii Waligalaa 79ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ameerikaa Niiwyoorkitti gaggeeffamaa jirurratti Koreen Ittisaa fi To’anno dhibeewwan Daddarboo hintaane Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ministeera Fayyaa Itiyoophiyaaf beekkamtii kenneera.

Itiyoophiyaan Dhibeewwan daddarboo hin taane ittisuu fi to’achuun tajaajila hawaasa giddugaleeffate kennuu isheen beekkamtichi kennamuufin ibsameera.

Keessattuu kaansarii Fiixee Gadameessaa ittisuun bu’aa galmaa’een beekamtichi kennamuu ragaan Ministeerichaarra argam ni mul’isa.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan beekkamticha fudhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.