Itiyoophiyaan hojiilee gama wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjechaa jirurratti muuxannoo qoodde
Finfinnee, Sadaasa 22, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan hojiilee milkaa’aa gama Wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetaa jirturratti muxannoo qooduu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.
Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya qilleensaa Dubaayitti qophaa’erratti Itiyoophiyaan misooma Ashaaraa magariisaa fi misooma qamadii irratti hojjetamaa jiru ilaalchisee muxannoo qooddeerti.
Hojiileen jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf hojjetaa jirtu ilaalchisee muuxannoo ishee hirmaattoota yaa’ichaaf qooduu himaniiru.
Itiyoophiyaan waggoota shanan darban sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuuwwaan biiliyoona 32.5 dhaabuu himaniiru.
Hanga bara 20126’ttis biiliyoona 50 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Girmaan eeraniiru.
Misooma qamadii jallisiin hojiileen bu’aa qabeessi hojjetamaa muuxannoo ta’uu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.