Itiyoophiyaan hiyyummaa keessaa ba’uuf kutannoo qabduun Badhaadhinaa mirkaneessuun gahee lammiilee hundaati-Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Sadaasa 21, 2017 (FBC)-Itiyoophiyaan hiyyummaa keessaa ba’uuf kutanno qabduun Badhaadhinaa mirkaneessuun gahee lammiilee hundaati jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Paartiin Badhaadhinaa obbolummaa sabdaneessaa akkasumas dhugaa, beekumsaa fi ogummaa bu’uureffachuun waggoota shanan darban qormaatilee gara carraatti jijjiiruun milkaa’inaalee hedduu galmeesseera.
Injifannoowwan gama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan galmaa’an fayyadamummaa lammiilee qabatamaan kan mirkaneessan ta’uu kaasaniiru.
Waggoota shanan itti Aanaan ammoo injifannoowwan haaraa galmeessuuf biyya ofii isheerra dabartee kanneen biroof geessu ijaaruuf ni hojjenna jechuun akeekaniiru.
#Oromia #Ethiopia