Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan hariiroo Dippiloomaasii qajeeltoo Gaanfa Afrikaa bu’uura taasiise dagaagsuu barbaaddi – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Fulbaana 9, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaan hariiroo Dippiloomaasii qajeeltoo Gaanfa Afrikaa bu’uura taasiise dagaagsuu kan barbaaddu ta’uu Ministeera Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Getaachoon hariiroo dippiloomaasii Itiyoophiyaa ilaalchisee ibsa torbee kennaniiru.

Naannawicha giddugala jeequmsaa taasiisuuf sosochiin taasiifamu akka dhaabbatu Itiyoophiyaan murannoo qabaachuu ibsaniiru.

Imaammanni alaa Itiyoophiyaa biyyoota ollaaf dursa kan laatu ta’uu eeruun, nageenyi biyyoota ollaa akka waaromu Itiyoophiyaan cimtee ni hojjetti jedhan.

Biyyoota ollaa waliin nagaa fi ollummaa gaarii qabaachuuf Itiyoophiyaan ejjennoo qabdi jedhaniiru.

Itiyoophiyaan rakkoolee jiran mariin akka furaman ni amanti jedhuun eeraniiru.

Yaa ta’uutii dhimmichi sarararraa akka maqu yaadonni ololfaman sirrii akka hin taane Ambaasaaddar Nabiyaat yaadachiisaniiru.

Itiyoophiyaan Yaa’ii 79ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Fulbaana 14 – 20, 2017 taa’amurratti hirmaachuuf qophii duraa taasiisuu dubbataniiru.

Yaa’ichaan cinaatti walga’ii Ministiroota Alaa BRICS irratti kan hirmaattu ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.