Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan haalota nageenya biyyaalessaa ishee balaaf saaxiluu danda’an hunda dammaqinaan hordofaa jirti-MDhA

Finfinnee, Hagayya 22, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaan haalota nageenya biyyaalessaa ishee balaaf saaxiluu danda’an hunda dammaqinaan hordofaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.

Ministeerri Dhimma Alaa haala yeroo Naannawaa Gaanfa Afrikaa ilaalchisuun ibsa baaseera.

Somaaliyaatti haalli ceeseffama ergama nagaa haaraa Ergama Ce’umsa Gamtaa Afrikaa, Naannawaa Gaanfa Afrikaarratti yaaddoo haaraa uumuun Itiyoophiyaa kan yaaddessu ta’uun ibsame.

Ibsoonni Maqaa gaarii fi wareegama Raayyaa Ittisa Biyyaa faalan walitti fufiinsaan wayita kennaman Itiyoophiyaan callistee akka ilaaltuuf fedhiin qaamolee tokko tokkoo biratti akka mul’atu himeera.

Qooda fudhattoonni biroon naannoo Gaanfa Afrikaa tasgabbii dhorkuuf wayita tarkaanfii fudhatan Itiyoophiyaan callistee kan hin ilaallaee ta’uu kan ibse ministeerichi, sababa kanaan haalota nageenya biyyaalessaa ishee balaaf saaxiluu danda’an hunda dammaqinaan hordofaa jiraachuu akeekeera.

Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii Somaaliyaa fi naannwichaa mirkaneessuuf, guddina waloo fi hariiroo cimaa ummatootaa naannawichaa giduu darab cimsuuf tattaaffi walirraa hincinnee taasisuu turuu yaadachiisera.

Itiyoophiyaan mootummaa Somaaliyaa waliin waldhabdee yeroo ammaa mudate furuuf waltajjiiwwan marii qophaa’an irrattis dammaqinaan hirmaachuu eeruun, maruiiwwan gaggeeffaman kanneenirratti bu’aan qabatamaan mul’achuu ibseera.

Mootummaan Somaaliyaa tattaaffii nagaa kana cimsuu mannaa, humnoota alaa naannicha tasgabbii dhorkuu barbaadan waliin hojjechaa jiraachuu hubachiiseera.

Ergama nagaa eegsisuu haaraa Somaaliyaatti bobbaasuuf yaadame qopheessuu fi eeyyamuuf qaamoleen itti gaafatamummaa qaban hundi, biyyoonni naannawichatti argamanii fi duraanuu loltootaa kan gumaachanii yaadoowwan jiran hundaaf xiyyeeffannaa kennuu qabu jedheera.

Humnoonni dantaa yeroo gabaabaa fi kaayyoo bu’aa hinqabneef, naannawichatti muddama uumuuf yaalan gochaan isaanii rakkoo hordofsuu maluuf itti gaafatama fudhachuu akka qaban himeera.

Kanaan dura gareewwan shororkeessitootaa ardichaa fi idil addunyaarratti tarkaanfii fudhatameen bu’aa jajjabeessaa argaman gochaalee balaarra buusanii fi quucarsan Itiyoophiyaan kan obsiisan akka hintaane akeekeera.

Itiyoophiyaan garaagarummaa karaa nagaa hiikuu fi nageenyaa fi tasgabbii naannawichaaf ummata Somaaliyaa fi hawaasa addunyaa waliin ta’uu hojjechuu fi balaawwan aggaamaman ittisuuf kutannoo qabaachuu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.