Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan godaansaan walqabatee gufuuwwan mudatanirratti hojjechaa jirti-MM Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan godaansaan walqabatee gufuuwwan mudatanirratti hojjechaa jiraachuu Walitti Qabaan Mana Maree Godaansaa Biyyaalessaa fi Ministirri Muummee Ittaanaa Tamasgeen Xurunaan ibsan.

Waltajjiin Marii Waggaa Mana Maree Godaansaa Biyyaalessaa gaggeeffame.

Waltajjicharratti pireezidaantonni naannolee, ministiroonnii fi hoggantoonni dhaabbilee garagaraa argamaniiru.

Obbo Tamasgeen waltajjicharratti akka jedhanitti, namoonni bakkaa bakkatti socho’uun mirga uumamaa fi heeraa ta’uun eeruun kanas sirnaan hogganuun barbaachisaadha.

Godaantonni biyyoota garaagaraarraa gara Itiyoophiyaa dhufuun kooluu galtummaa gaafatan miiliyoona 1 darbuu kaasuun, kanaan walqabatee gufuuwwan damee hedduu mudatanirratti Itiyoophiyaan hojjechaa jiraachuu dubbatan.

Lammiileen jireenya fooyya’aaf biyyoota garaagaraatti imalan daddabarsitoota seeraan alaa gurmaa’an irraa baraaruuf, hojmataa jiran sakatta’uu fi qindoominaan hojjechuu dhaabbilee gaafata jedhaniiru.

Biyyoota biroo waliin walta’iinsaan hojiilee bal’aan kan hojjetaman ta’uu ibsaniiru.

Manni marichaa waltajjii marichaan dhimmootaa godaansaarratti marii fi ibsa bal’aa taasisuun qajeelfamootaa fi kallattiiwwan hojii biyyaalessaa kaa’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.