Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Giriikitti Waajjira Qoontsilaa bante

Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Giriikitti Waajjira Qoontsilaa Itiyoophiyaa banaaniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuun wayita kanaatti Giriikitti Qoontsilaa Itiyoophiyaa ta’uun kan muudaman Jiyoorjiiyos Bikaas Xalayaa muudama isaaniis kennaniiru.

Jiyoorjiiyos Bikaas hariiroo waggoota dheeraa Itiyoophiyaa fi Giriik gidduu jiru caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu Ambaasaaddar Misgaanuun hubachiisaniiru.

Hariiroo gama invastimantii fi daldalaan jiru caalmaatti guddisuuf shooraa olaana akka taphatan Amantaa qaban ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.