Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan giddugala hawwattumaa invastimantii Alaan Afrikaa Bahaatti adda duree ta’uun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan giddugala hawwattummaa invastimantii Alaan Afrikaa Bahaatti adda duree ta’uu Gabaasni Konfiraansii Daldalaa fi Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibse.
Dhaabbatichi gabaasa tibbana baaseen, Itiyoophiyaan Afrikaa Bahaatti guddina diinagdee cimaa galmeessuun adda duree ta’uu eereera.
Akka gabaasichaatti Itiyoophiyaan bara Faranjootaa 2023’tti invastimantii alaan Doolaara biiliyoona 3.3 hawwachuun biyyoota ollaa ishee Keeniyaa fi Ugaandaa kan dursituudha.
Baatiiwwan kurnan darbanitti invastimantii alaarraa galiin Doolaara biiliyoona 3 argamuu Koomishinarri Koomishinii Invastimanti Itiyoophiyaa Hanna Ar’ayasillaasee wabeeffachuun gabaasichi ifoomeera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.