Itiyoophiyaan Galaana Diimaaf jettee biyya kamuu hin weerartu- Dooktar Abiyyi Ahimad
Finfinnee, Bitootessa 11, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan Galaana Diimaaf jettee biyya kamuu weeraruuf fedha akka hinqabne ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kennaniin hubachiisan.
Ertiraan walqabatee dhimmoota afarfamaa jiran ilaachisees yaada kennaniin, uummanni Ertiraa uummata nagaa fi misooma barbaadu fi obbolaa uummata Itiyoophiyaa ta’uu kaasanii, nagaa fi misooma waloo uummatoota lamaaniif Mootummaan fedhii guddaa qabaachuu dubbatan.
Karaa biraan biyyi kamuu nurratti waraan bana jennee hin eegnu kan jedhan Dooktar Abiiyyi, yeroo kamuu of ittisuuf qophiin ga’aan jiraachuu hubachiisan.
Dhimmi Galaana Diimaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu akka ta’es Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad dubbatanii, qaamni nagaa barbaaduu fi hawaasni addunyaas mirga biyyattiin seeraan qabdu akka fayyadamuu dandeessuuf tumsuu qabaas ibsan.
Dhimmi Galaana Diimaa abjuu bira hin ga’amne warren jedhan jiraachuus eeranii, abjuu guddinaa fi badhaadhinaa dhugoomsuuf karri galaanaa murteessaa waan ta’eef hunduu tumsuu akka qabu hubachiisaniiru.
Lammiileen biyyattiis ta’e qooda fudhattoonni hundi nagaaf dursa kennuun tumsuu akka qabanis dhaamaniiru.