Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan gahee dippiloomaasii naannawaa, ardii fi sadarkaa idil addunyaatti qabdu guddisuun tumsaan ni hojjetti – Dooktar Geediyoon Ximootiyoos

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaan gahee dippiloomaasii naannawaa, ardii fi sadarkaa idil addunyaatti qabdu guddisuun tumsaan kan hojjettu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiyoos ibsan.

Dooktar Geediyoon hoggantootaa fi hojjettoota Ministeera Dhimma Alaa fi dhaabbilee waamamtootaa waliin ibsa hojii taasiisuun walbaraniiru.

Faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanirratti ibsa taasiisaniiru.

Taatewwan naannawaa fi idil addunyaaf hojiin dippiloomaasii beekumsaa fi qorannoon deeggarame barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaan hariiroo idil addunyaa seenaa qabeessa ta’e qabaachuu isheen dippiloomaasii naannawaa fi sadarkaa idil addunyaa keessatti gahee fi dhiibbaa qabdu guddisuun hojjechuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Hojiilee Hariiroo alaa eegalaman caalmaatti cimsuun galmaa waloo fi jijjiiramaaf kan hojjetamu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon dubbachuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’usa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.