Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan duula guyyaa tokkootti biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuuf kutannoon argisiiste kan dinqisiifatamuudha-Ogeeyyii

Finfinnee, Hagayya 16, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan duula guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuuf kutannoon argisiiste kan dinqisiifatamu ta’uu Ogeeyyiin Ittisa Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa biyyoota garaagaraarra dhufan ibsan.

Itiyoophiyaan boru duulaa guyyaa tokkootiin biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuuf qophii xumuruun ibsameera.

Ogeeyyiin ittisa jiijjiirama qabenya qilleensaa biyyoota garaagaraarraa dhufan akka ibsanitti, biyyattiin dhiibbaa jijjiirama qilleensaa sadarkaa idil addunyaa ta’e dandamachuuf, hojiileen hojjechaa jirtu kan jajjabeeffamuudha.

Ameerikaarraa kan dhufan Ogeettii Damichaa Maariyaa Ashlii, Itiyoophiyaan kaka’umsa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf xiyyeeffannaan kennite kan dinqisiifatamuudha jedhan.

Ogeessi Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Seeraaliyoon Gabiri’eel Kaabaakaa ammoo, Itiyoophiyaan sosochiin Sagantaa Ashaaraa Magariisaan taasisaa jirtu biyyoota biroo kan haamilchuudha.

Kun ammoo kaayyoo gaarii sochichaa itti fufsiisuuf itti gaafatamni hundaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Ogeettii damichaa Keeniyaarraa dhufan Makaanee Astee ammoo yaada kennaniin, Itiyoophiyaan xiyyeeffannaan misooma magariisaaf kennite jijjiirama olaanaa fidaa jiraachuu ibsuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Itiyoophiyaan duula guyyaa tokkotiin biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuuf galmi qabattee, hunduu akka irraa baratu kan taasisuudha jedhaniiru.

Akka ibsa ogeeyyi kanneeniitti sagantichi, Afrikaa Bahaattis ta’e sadarkaa idil addunyaatti tattaaffii jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf taasifamuuf gahee olaanaa akka qabaatu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.