Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama qabeeya qilleensaa ittisuuf tattaaffiin taasiftu fakkeenya kan ta’uudha-Dooktar Warqinaa Gabayyoo

Finfinnee,Sadaasa 23, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf tattaaffiin ofii isheen taasisaa jirtu biyyoota naannawaaf fakkeenyaa kan ta’uudha jedhan Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoon.

Dooktar Warqinaan Bakka Argisiisaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaan Yaa’ii COP28 irratti qopheessite ilaalchisuun yaada kennaniin biyyoonni Baha Afrikaa dhibbaa jijjiirama qilleenssaan kan miidhaman ta’uu eeraniiru.

Dhiibbaan kun yoo hinittifamne naannawichatti miidhaa daran hammaataa qaqqabsiisuu danda’a jedhan.

Haaluma kanaan tarkaanfilee jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf fudhatamaa jiran eeruun, sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaan dandeettii ofii isheen gaggeessaa jirtu biyyoota naannawichaaf fakkeenya jedhaniiru.

Itiyoophiyaan sadarkaa idil addunyaattis dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf tattaaffiiwwan taasifamaa jiran keessatti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Bakki argisiisaa Ashaaraa Magariisaa Dubaayitti qophaa’es, biyyattiin humna haareffamaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjechaa akka jirtu argisiistuu ta’uu eeraniiru.

Akkasumaas dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf sochiiwwan taasifaman kan mul’isuu ta’uu Dooktar Warqinaan kaasuun, kunis fuulduratti cimee akka itti fufu amantaa qaban ibsaniiru.

Feeven Bishaawuutiin

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.