Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan dhaabbilee damee hedduutti kan makamtuuf faayidaa biyyaalessaa ishee kabachisuufi-MM Dooktar Abiy

Finfinnee, Amajjii 28, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan dhaabbilee damee hedduutti miseensummaan kan makamtuuf faayidaa biyyaalessaa ishee kabachisuuf akka ta’e Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad dubbatan.

Dooktar Abiy hojiilee dippiloomaasii fi hariiroo biyyoota ollaa ilaalchisuun gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’ota Ummataarraa ka’aniif ibsa kennaniin Ityoophyaan imaammataa dippiloomaasi isheen dursaa kan kennitu biyyoota ollaaf ta’uu kaasan.

Hariiroo walta’iinsa biyyoota ollaa waliin qabdu cimsuuf taattaffiiwwan eegalaman tuquun, Keeniyaa waliin gurgurtaa elektirikiin hariiroo walta’iinsa cimsuuf waliigaltee gaggeeffamee yaadachiisaniiru.

Taanzaaniyaa waliinis adeemsi marii gurgurtaa elektirikii gaggeeffamaa jiraachuu dubbatan.

Hariiroo Somaaliyaa waliin qabduu ilaalchiseed akka kaasaniti lammiileen biyyattii hedduun kan jiraataan Itiyoophiyaa ta’uu dubbatanii, Itiyoophiyaan biyyattii miidhuuf jechaa karoora addaa akka hinqabne mirkaneessaniiru.

Keessumaa nageenya Somaaliyaaf loltoota Itiyoophiyaa caalaa kan wareegama kaffalaan akka hinjirre hubachiisan.

Kanaanis Itiyoophiyaan Somaaliyaa waliin walitti bu’iisa kamuu kan barbaannee fi caalaatti walta’iisa waloon guddachuuf fedhii olaanaa akka qabdu akeekaniiru.

Gama biraatiin Itiyoophiyaan dhaabbilee damee hedduutti miseensummaan kan makamtuuf faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuuf akka ta’e kaasaniiru.

Keessumaa BRICS’tti kan makamteefis biyyoota Lixaa dhiisuun biyyoota kaan utuu hintaanee hunda waliin walta’uun faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiifachuuf akka ta’e himan.

Biyyattiin biyyootaa Lixaa fi Bahaa waliin hariiroo michummaa jabaa akka qabdu dubbatanii, kunis cimee akka itti fufu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.