Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan deeggarsa boba’aa xiyyaaraa oomishuu argatte

Finfinnee, Sadaasa 14, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan deeggarsa boba’aa xiyyaaraa oomishuuf dandeessisuu argatte.

Deeggarsichas bu’uura boba’aa idileerraa gara boba’aa uumama giddugaleeffate itti fufiinsa qabuutti ceesisuu fi hamma gadi lakkifama gaaziiwwan faaloo Aviyeeshini hanga bara faranjootaa 2050’tti zeeroorraan ga’uuf karoora Dhaabbata Siviil Aviyeeshinii Idil Addunyaan qabameen ta’uun ibsameera.

Haaluma kanaan oomishaalee uumamaa kanneen akka biqiltuu fi galteewwan sadarkaan falama isaanii gadaanaa ta’e biroo faayidaarraa kan oolfaman ta’uun ibsameera.

Itiyoophiyaan Gamtaa Emereetota Arabaatti gaggeeffamaa kan jiru Koonfiraansii Filmaataa Boba’aa fi Aviyeeshinii 3ffaarratti hirmaachaa jirti.

Koonfiraansichaan cinaattis marii gamlamee gaggeeffameen misooma boba’aa aviyeeshinii waaraa ilaalchisuun qorannoowwan taasisuuf bu’uuraa marii mootummaa Faransaayi waliin gaggeeffameen deeggarsi faayinaansii Itiyoophiyaaf akka taasifamu ibsamuu ragaan Ministeeraa Geejjibaa fi Loojistiksiirraa argame ni mul’isa.

Sirna deeggarsicha ifoomsuurratti Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Obbo Dheengee Boruu akkasumas Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Obbo Geetaachoo Mangisteen argamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.