Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan dandeettii Diroonii Gabaa alaaf dhiyeessuu goonfatte – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 29, 2017 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Indaastirii Iskaay Wiin Eeroonootiksii Diroonoota tajaajila Siiviilii fi Loltummaaf oolaan oomishu eebbisiisaniiru.

Waggoota muraasaan dura Diroonii biyya keessatti oomishuun kan hin yaadamne ture jedhan.

Haala kanaan Diroonniwwan dandeetti adda addaa qaban Dizzaanii ogeeyyii biyya keenyaan oomishuu danda’uun seenaa guddaa ta’uu ibsan.

Guddina kana haala itti fufiinsa qabuun hojii qorannoo, gabaa babal’isuu fi Teeknooloojii giddugala Ismaartii biyya keessatti oomishuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Dandeettii kanaa fi warshaa Injinariingii Dhukaatota akka Hoomachoo kan guddifnu walitti bu’iinsa babal’isuufi miti jedhan.

Walitti bu’iinsa hambisuuf malee.

Fedhiin keenyaa taatoowwan walitti bu’iinsaa fulduratti dandeetti walitti bu’iinsa hambisu uumuun nageenyaa fi tasgabbii ittichuudha jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.