Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan damee nageenyaan dhaabbilee amansiisoo ijaarteetti jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaan damee nageenyaa fi tasgabbiin dhaabbilee amansiisoo fi cimaa teeknooloojiin tumsame ijaaruu Ministiroonni Raayyaa Ittisa Afrikaa fi Ataasheewwan Loltummaa dubbatan.

Qopheessummaa Itiyoophiyaan kan gaggeeffame Yaa’iin Ministiroota Raayyaa Ittisaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Ministiroonni Raayyaa Ittisaa Afrikaa fi Ataasheewwan waraanaa yaa’icharratti hirmaachuun cinaatti dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa daawwataniiru.

Daawwannaa isaanis ijaarsi dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa kan dinqisiifatamuu fi muuxannoon kan irraa qoddatamuudha jedhaniiru.

Nageenya saayiberii, faayinaanisii, bu’uuralee misoomaa fi kanneen biroo irratti teeknooloojii ammayyaa fi ogeeyyii ga’ooman gahaa akka qaban hubannneerra jedhaniiru.

Dhaabbilee fayyaa, qonnaa, nageenyaa fi tasgabbii, loojistiksii, misooma magaalaa fi kanneen biroo teeknooloojii hubannoo namtolcheen deeggaruuf tattaaffiin Itiyoophiyaan jalqabde dinqisifachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.