Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan damee Aviyeeshiniin hirmaannaa taasisuun Daandii Qilleensaa cimaa ijaaruu akka dandeesse ibsame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaan damee Aviyeeshiniin hirmaannaa olaanaa taasisuun Afrikaatti Daandii Qilleensaa cimaa ijaaruu akka dandeesse ibsame.

Guyyaan kabaja hundeeffama waggaa 80ffaa Siviil Aviyeeshinii Idil Addunyaa, Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiypophiyaa waliin ta’uun Sadarakaa Afrikaatti Itiyoophiyaatti kabajama.

Saganticha ilaalchisuun Ministeerri Geejjiaa fi Loojistiksii fi Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii ibsa waloo kennaniin, guyyichi sagantaalee garaagaraan Sadaasa 30 hanga Mudde 3, 2017’tti akka kabajamu ibsameera.

Itiyoophiyaan hundeeffama Siviil Aviyeeshinii Idil Addunyaa irraa eegalee hirmaannaa taasisuun Indaastirichaan gahee adda durumma bahachaa turuu akkasumaas yeroo ammaa Afrikaatti Daandii Qilleensaa adda duree fi cimaa ijaaruun akka danda’ame himameera.

Bara Faranjootaa 1944 baatii Sadaasaa keessa biyyoonni 52 kan irratti hirmaatanii fi Yaa’ii Magaalaa Chikaagoo Ameerikaatti gaggeeffamerratti Dhaabbanni Siviil Aviyeeshinii Idil Addunyaa hundeeffamuun ni yaadatama.

Biyyoota Afrikaarraa hirmaataan keessa Itiyoophiyaa tokko ta’uu fi Siviil Aviyeeshiniiin bara 2035’tti Afrikaarraa filatamaa fi adda duree ta’uuf hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.