Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan BRICS’tti kan makamte walt’iinsa cimsuufi-Dooktar Abiy

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)- BRICS’tti makamuun Itiyoophiyaa walta’iinsa waloo cimsuuf malee biyyaa kamuu miidhuuf miti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Walga’iin idilee 4ffaa bara hojii 3ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa har’a gaggeeffameera.

Gaaffilee miseensota mana marichaarraa dhiyaataniif Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsa bal’aa taasisaniiru.

Damee dippilomaasiin hojjilee hojjetamaa jiran ilaalchisuun ibsa kennaniin qajeeltoon dippilomaasi Itiyoophiyaa ijoo biyyootaa biroo waliin waltumsaa fi walta’iinsaan hojjechuudha jedhan.

BRICS’tti makamuu Itiyoophiyaa ilaalchisees gungummiin gargaraa kan dhaga’aman ta’uu kaasanii, garichatti kan makamneef gama tokko deeggarree gama kaan dhiisuutti kan fudhatamuu sirrii miti jedhaniiru.

Kunis walta’iinsa waloo cimsuuf yaadamee akka ta’e eeraniiru.

Gama biraatiin sadarkaa hojiirraa oolmaa waliigaltee Piritooriyaa ilaalchisuun Dooktar Abiy ibsa taasisaniin, waliigaltichi dabalataan namoonni akka hinduune taasiseera.

Waliigaltee Piritooriyaatti taasifames akka laayyootti ilaaluun barbaachisaa akka hintaane hubachiisan.

Keessumaa waliigalticha booda Naannoo Tigraayitti tajaajiloonni bu’uuraa akka elektirikii, bilbilaa, geejjibaa, baankii fi kanneen biroon bal’inaan akka eegalan taasifamuu ibsaniiru.

Dabalataanis bulchiinsi yeroo akka hundeeffamu taasifamuun baajanni naannichaaf eeyyamamuu dubbatan.

Hojiilee hafanis mootummaan federaalaa naannolee Amaaraa fi Tigray waliin ta’uun fuulduratti kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.