Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Biyyoota Miseensa BRICS waliin tumsa diingdee ishee cimsitee akka itti fuftu ibsite

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaan biyyoota miseensa BRICS waliin dameewwan garaagaraan tumsa diingdee qabdu cimsitee itti fufuuf kutannoon hojjechuuf qophii ta’uu Jaappaanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dhaabaa Dabaleen ibsan.

Ambaasaddar Dhaabaa Dabaleen Jaappaanitti Amabaasaddar Raashiyaa Nikoolaay Istaanislavoviich Noozdireviin waliin mari’ataniiru.

Hariiroon Itiyoophiyaan Raashiyaa waliin gama dippilomaasiin qabdu yeroo dheeraa lakkoofsisee ta’uu Ambaasaaddar Dhaabaa Dabaleen himaniiru.

Itiyoophiyaan Raashiyaa dabalatee biyyoota miseensa BRICS waliin tumsa diinagdee qabdu cimsuufis qophii ta’uus eeran.

Ejjennoon Itiyoophiyaan walta’iinsa gama fayyaa, barnoota, saayinsii, qonna, daldala, teeknooloojii, inarjii fi jijjiirama qilleensaa irratti qabdu ilaalchisuun ibsa taasisaniiru.

Nikoolaay Istaanislavoviich Noozdireviin gama isaaniin biyyoonni lamaan michummaa yeroo dheeraa akka qaban ibsuun, BRICS tumsa jiru daran cimsuuf carraa gaarii akka uumuu ibsuu ragaan Jaappaanitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.