Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan biyyoota miseensa BRICS waliin damee Daldalaa fi Invastimantiin hojjechuuf qophiidha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaan biyyoota miseensa BRICS waliin damee Daldalaa fi Invastimantiin hojjechuuf qophii ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fooramii Biiznasii BRICS Raashiyaa magaalaa Mooskootti gaggeeffamaa jirurratti haasawa Zuumiin taasiisaniin, Itiyoophiyaan tumsa Invastimantii, Daldalaa fi Diinagdeef biyya mijattu ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan biyyoota miseensa BRICS biroo waliin fedhii tumsa diinagdee qabaachuu himuun, Diinagdeen Itiyoophiyaa saffisaan guddachaa jiru carraa Invastimantii, tumsa Diinagdee fi Daldalaa murteessoo ta’an qabaachuu kaasaniiru.

Sadarkaa Afrikaatti carraa gabaa bal’aa uumuuf biyya dandeettii qabdu ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan yeroo dhiyoo tarkaanfii sharafa alaa gabaan durfamu fudhachuu ibsuun, kunis Invastimantii kallattii alaaf haala mijataa uumuu eeraniiru.

Biyyoonni miseensa BRICS ta’an dameewwan kanneeniirratti karra Afrikaa kan taate Itiyoophiyaa keessatti invastii gochuun fayyadamoo ta’uu akka qaban ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.