Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan biyya sabdaneettii heddumminaan faayamtee fi Gamtan cimteedha-TKM

Finfinnee, Sadaasa 29, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan biyya sabdaneettii heddumminaan faayamtee fi Gamtan cimteedha jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi Guyyaa Sabaa fi Sablammootaa Ummatootaa Itiyoophiyaa 18ffaa ilaalchisuun ibsa baaseen, Sabaa fi Sabalammoonni Itiyoophiyaa baga ittin isin gahee jedheera.

Itiyoophiyaan bifa hedduu kan qabdu, heddumminaan kan miidhagde, gamtaan kan cimtee biyya sabdaneettii ta’uu ibseera.

Heddumminni ibsituu keenya, tokkummaan keenyaas maddaa cimina keenyaati jechuun eereera.

Qormaatilee biyyaalessaa barootaa keessa mudatan tokkummaan dhaabbannee darbuun madda cimina keenyaa ta’uuf ragaa gahaa ta’uu ibseera.

Tokkummaa kanas amansiisaa fi itti fufiinsaa kan qabu taasisuuf walqixxummaa fi haqummaan bu’uura ijaarsa mootummaa ta’uu qabu jedheera.

Guyyaa Sabaa fi Sablammootaa Ummatootaa Itiyoophiyaa wayita kabajnus, tokkummaa biyyaalessaa gama heddumminaa fi walqaixxummaan ilaaluun akka barbaachisu eeruun, duudhaalee walqixxummaa fi waliin jireenyaa cimsuun tokkummaa biyyaalessaa caalmaan cimsuun dhimma egeree ta’uu ibseera.

Itiyoophiyaan damee hundaan injifattuu akka taatuuf gamtoomuu, walkabajuu, waldanda’uu fi falmii yaadaaf dursa kennuun, tokkummaa bu’uuraa jabaarratti ijaaruun dhimma filmaataaf dhiyaatu miti jedheera.

Tokkoon tokkoo lammii Itiyoophiyaas walqixa abbaa biyyaa ta’uu fi itti gaafatama walqixaa kan qaban ta’uu ibseera.

Heerri mootummaa FDRI qajelfamoota walqixxummaa siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee raggaasiseen, tokkoon tokkoo lammiilee walqixa abbaa biyyaa fi ittigaafatamtoota biyya kan taasisuudha.

Qajeelfamoota walqixxummaa heerichaan raggaasifame dhugoomsuuf mootummaan gaaffiilee ummatootaa deebisuuf hojiilee bal’a hojjechaa jiraachuu ibseera.

Tokkummaa sabdaneessaa cimsaa, qajeeltoon walqixxummaa daran akka hojiirra oolfamaan seenessiiwwan qeenxee fi qoqqoodoo, seenessii biyyaalessaan bakka buusuu barbaachisa jedheera.

Adeemsa ijaarsa nageenyaa biyyaalessaaf hirmaannaa waloo taasifamaa jiru bal’inaan itti fufsiisuun qajeeltoo walqixxummaa irratti bu’uureffachuun tokkummaa sabdaneessaa daran cimuu akka qabu himeera.

Rakkoolee mudatan hundaa haala tokkummaa cimsuu danda’aniin mariin furamaa adeemuun daandii filmaataa hinqabne ta’uu qabas jedheera.

Qormaata keessattis milkaa’ina galmeessaa, biyya ijaaraa fi dhaloota ceesisaa waltumsuun, walkabajaan, wal amantaarratti tokkummaa biyyaalessaa bu’uureffate itti haa fufsiisnu jechuun dhaameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.