Itiyoophiyaan biyya qabeenya albuudaan badhaateedha – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Sadaasa 11, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaan biyya qabeenya albuudaan badhaate ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad har’a Warshaa Albuuda Warqee Itinoo Maayiniing Naannoo Gaambeellaatti ijaarame eebbisiisaniiru.
Mootummaan qabeenya kana misoomaatti jijjiiruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Dameen Dhuunfas misooma Albuudarratti akka bobba’an haalli mijachuu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia