Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan biyya invastimantiif mijattuu adda dureedha jedhamte

Finfinnee, Fulbaana 17, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan Biyyoota Afrikaa hojiilee invastimantii bu’aa qabeessaaf mijatoo ta’an keessaa adda duree ta’uun ibsame.

‘Business Insider Africa’ bu’aa qorannoo baaseen biyyota hojiilee invastimantiirratti yoo bobba’an bu’aa qabeessa ta’an jedhe tarreesseera.

Haaluma kanaan Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa 10 keessaa sadarkaa jalqabaarratti biyya hojiilee invastimantii bu’aa qabeessaaf mijattuu ta’uu eereera.

Itiyoophiyaatti aansuun Kotidiivaar, Yugaandaa, Naayijeeriyaa, Seneegaal, Ijibti, Keeniyaa, Tanzaaniyaa, Rippaabilikii Dimokiraatawaa Kongoo fi Morookoon walduraa duubaan biyyootaa Afrikaa 10 invastimatiif bu’aa qabeessaa ta’uun eeramaniidha.

Biyyoonni kunneen simannaa abbootii qabeenyaa inbvastimantiirratti bobba’uu barbaadaniif taasifamu, bu’uuraalee misoomaa mijatoo, diinagdee dhaabbataa fi hammattoowwan to’annoo qabanirratti bu’uureffachuun kannneen sadarkeeffaman ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.