Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Biyya Heddummina irraa ijaaramtedha–Obbo Aganyawu Tashaagar

Finfinnee, Sadaasa 29, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan biyya heddummina irraa ijaaramteedha jedhuun Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar ibsan.

Guyyaan Sabaa fi Sablammoota Ummatootaa Itiyoophiyaa 18ffaan mata duree “Heddumminaa fi walqixxummaa tokkummaa biyyaalessaaf” jedhuun kabajameera.

Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar haasawaa taasisaniin, heddumminni argisiistuu eenyummaa walqixxummaarratti hundaa’eedha jedhan.

Heddumminni sirnaan yoo kessummeeffame dandeettii fi qabeenya ta’uu eeranii, hariiroo kan cimsuu, kan Itiyoophiyaan irraa ijaaramteedhas jedhan.

Kanaaf heddumminni Itiyoophiyaanotaaf idaa utuu hintaane miindaa ta’uu ibsaniiru.

Tokkummaa eenyummaa hedduminaarratti ijaarame sababoota ilaalcha xixiqqaan sirna sabdaneessaa walqixxummaa hindiigamneen ijaarame cimsuun, kunuunsuu fi rakkooleen wayita mudatan ammoo walkabajaa fi waliigalteen furuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Guyyichi kabajamuun tokkummaa dagaagsuu fi sabdaneessummaa mul’iseera jedhan.

Eenyumma fi ilaalcha hedduu kan qabdu Itiyoophiyaan tokkummaa biyyaalessaa daran cimsuuf kan gargaaru ta’uus dubbataniiru.

Ilaalchota fiiinxaalessummaa dhabamsiisuun Itiyoophiyaa tokkummaan ishee eegame ni mirkaneessinaas jedhaniiru.

Dhimmoota qoqqoodoo ta’anirra, yaadota tokkummaa biyyaalessaa cimsan irratti waliigaltee uumuun garaagarummaa mariin furuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Olaantummaa seeraa bu’uuressuu fi misoomaa fi nageenyaa eegalame cimsanii itti fufsiisuun itti gaafatama lammiilee hundaa ta’uu ibsaniiru.

Seenessii waloo irratti hundaa’een biyya sabdaneettii cimtuu ijaaruuf hunduu gahee gama isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.