Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaafi Azarbaajaan adeemsa ijaarsa sirna haqaarratti qindoominaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 19, 2017 (FBC) –Itiyoophiyaafi Azarbaajaan adeemsa ijaarsa sirna haqaafi dhimmoota seeraarratti waloon hojjechuuf waliigalaniiru.

Jilli Ministir Deetaa Ministeera Haqaa Obbo Tasfaayee Dhaabaan durfamu, Yaa’ii Waliigalaa Waldaa Abbaa Alangaa Idil-addunyaa 29ffaa Rippaabiliika Azarbaajaanitti taa’amerratti hirmaateera.

Yaa’ichaan cinatti Ministir Deetaan Ministeera Haqaaa Obbo Tasfaayee Dhaabaan, Ministira Haqaa Rippaabilika Azarbaajaan Faariid Amdoov waliin ijaarsa haqaafi seeraa dabalatee dhimmoota garaa garaarratti waloon hojjechuuf waliigaluu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.