Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa keessaa ‘Dhibeen busaa badeera’ jedhamee hubatamuun dogoggora-Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Fulbaana 4, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaatti hubannoon akka waan dhibeen busaa badeetti fudhatamuu fi rakkooleen agoobara keemikaala cuuphame fayyadamuu dhabuu akka mul’atu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerri Fayyaa fi Waldaan To’annoo Busaa Ardii Afrikaa Itiyoophiyaatti yaa’ii to’annoo busaa sadarkaa Afrikaa 9ffaa gaggeeffamu ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniinis, sadarkaa Idil Addunyaatti namoota dhibee busaan du’an %96 ol Afrikaa keessaa ta’un ibsameera.

Tatamsa’iinni dhibechaas %95 ol Afikaa keessatti kan babal’ate ta’uun eerameera.

Sadarkaa Itiyoophiyaatti dhibechi rakkoo fayyaa ta’uu cinaatti gufuu guddinaa, humna oomishaa fi guddina diinagdee ta’aa dhufuun eerameera.

Akkasumas sababa rakkoo nageenyan waliingahiinsa tajaajila wal’aansaa harkifataa taasisuu, rakkooleen jijjiirama qabeenya qilleensaa fi balaawwan uumamaa fa’aan babal’achuu rakkochaaf tumsa akka ta’e eerameera.

Dabalataan dhibeen busaa Itiyoophiya keessaa badeeraa jedhamuun hubannoon dogoggoraa uumamuu fi agoobara keemikaala cuuphame fayyadamuu dhabuun akka mul’atu ibsameera.

Kanaaf, rakkoolee kanneen furuu fi sadarkaa tatamsa’ina isaa hir’isuuf yaa’iin sadarkaa ardii Fulbaana 6-10, 2016 akka gaggeeffamu eerameera.

Yaa’icharratti dhimmoota tatamsa’ina dhibee busaa fi hanga du’aatii mudachaa jiruu hir’isuun haala danda’amurratti kan mari’atamu ta’uun eeramera.

Hawaasnis agoobara keemikaala cuuphame fayyadamuu fi daandiiwwan ittisaa hunda hojiirra oolchuun tatamsa’ina jiru akka ittisan waamichaa dhiyeesseera.

Yismaawu Adaraawutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.